Mootummaan naannoo Oromiyaa jijjiirramaa asitti damee fayyaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira-Preezdaant Shimaallis
Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiirramaa asitti damee fayyaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Preezdaantichi haasaa eebbaa Hospitaala Walisoorratti taasusaaniin, akka Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2013 proojektoota damee Fayyaa 237 Birrii biliyoona 3.7oliin eegalaman Keessaa Hospitaalonni 13 xumuramuun eebbifamaniiru.
Jijjiiramaan asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee fayyaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.
Meeshaaleen fayyaa Birrii miiliyoona dhibba 5 oliin bitamanii hojiitti galaniiru kun xiyyeeffannoo damee fayyaaf laatameedhas jedhaniiru Obbo Shimallis.
Dabalataanis Seektera fayyaatiin bara kana ogeessonni fayyaa kumni 18 qaxaramuun hojiitti bobboofamaniiru jedhameera.
Ambulaansonni 750 waggaa lamaa asitti bitamuun hojii fayyaa keessatti tajaajila kennaa jiru.
Giddugala yaala Kaansarii Birrii Miiliyoona 300 oliin naannoo Oromiyaatti ijaaruuf hojiitti seenamee jira.
Akkasumas giddugalli yaala Sammuu Birrii miliyoona 300 oliin ijaaruuf hojiitti seenameera jedhaniiru.
Giddugalli yaala Addaa Daa’immaniif Haadholii Damee Lixaa Magaalaa Naqamtee Xumurameera tibbana ni eebbifama jedhameera.
Guyyaa har’aas kan eebbifame Hospitaalli walii galaa Walisoo Birrii Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10’n ijaaramee eebbaaf gaheera.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa damee fayyaa dabalatee dameewwan hundaan hawaasa tajaajiluuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Obbo Shimallis dabalataanis diinagdeen Uummata Oromoo akka bayyaannatuuf dhaabbilee faayinaansii garaagaraa hundeessaa jira Uummanni Keenya Jabaatee Badhaadhina hawwinu akka milkeessu dhaamsa dabarsaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.