Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee tajaajila hawaasaarratti xiyyeefannoo guddaa hojjeta ture – obbo Abdulhakiim Muluu
Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee tajaajila hawaasaarratti xiyyeefannoo guddaan hojjechaa turuu sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Abdulhakiim Muluun ibsan.
Baatiwwan jahan darbannitti proojektota Mana Barumsaa sad. 2ffaa Ifa Boruu 100 keessaa 93,mana barumsaa bultii addaa 7 fi Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 2 fi 613 ta’an xumuramanii tajaajila kennaa jiraachuu obbo Abdulhakiim Muluu kan ibsan.
Misooma barnootaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii yeroo kamiyyuu caalaa abdachiisaa ta’e kan hojjete ta’uu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaa yeroo ammaa barattoonni miiliyoonni10.6 ta’an barnootarra kan jiran yoo ta’u,sababaa rakkoo nageenyaan barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 25 barnoota adda kutuu ibsaniiru.
Baatii jahan darban keessa akka Oromiyaati proojektota buleeyyii dabalatee,proojektoonni fayyaa 469 xumuramuun tajaajilaa laachuu eegaluu himaniiru.
Namoonni miiliyoonni 3.1 miseensa Inshuraansii Fayyaa ta’uun aadaa qusannoo ofii guddifachaa tajaajila fayyaa akka argatan taasiifamu himaniiru.
Namoonni miiliyoona 4.7’f taallaallii Covid – 19 laachuuf karoorfame namoota mil.,3.7 kennamuu eeraniiru.
Rakkoon nageenyaa fi qormaanni garagaraa mudatus,hojiin gama kilastera hawaasummaa, Aadaa fi Turizimii,Dargaggoo fi Ispoortii,akkasumas Komunikeeshinii fi Miidiyaan hojjetaman jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
Gammachuu Beekumattu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.