Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Godinaa Goofaatti balaa Sigiga lafaan miidhaa qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuu namootaa darbeef gadda itti dhaga’ame ibseera.

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen mootummaa fi uummata naannichaaf jajjabina hawweera.

“Uummatni keessan uummata keenya; uummanni keenyas kan keessan waan ta’eef, gaddi isin mudate kan waloo keenyaa ta’uu ibsaa, tumsaa fi deeggarsa hundaan isin waliin jiraachuu keenya ibsina” jedheera.

Uummanni Naannoo Oromiyaas ta’e uummanni biyyattii hundi rooba waqtii Gannaa hordofee balaawwan mudachuu malan irraa walbaraaruuf of eeggannoo taasisuu akka qabu dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.