Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaafi suukanneessaa finxaaleyyiin raawwatame cimsee kan balaaleffatu ta’uu ibse

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaafi suukanneessaa finxaaleeyyiin raawwatame cimsee kan balaaleffatuu fi nageenya lammiilee tiksuufis kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Biiroon Komnikeeshiinii Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee Miiiyaaleef ibsa kenneera.

Gochi badii gara jabeenyummaan guutame finxaaleyyiin Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti raawwatan jibba hamaa uummata Oromoofi sabaafi sablammootaaf qaban ifatti kan mul’isu ta’uu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan ibsaniiru.

Gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii Sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne, garee bor hin beekneefi ofittoo ta’uu qabatamaan mul’iseera jedhan.

Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa jalaa baqachuun lafa ga’e hundatti gara jabeenyaan ajjeessuufi shororkeessuu irratti fuulleffatee jiraachuu obbo Hayiluun ibsa isaaniin himaniiru.

Kanas qabatamaan Godina Shawaa Kaabaatti raawwatee jira.

Gochi Finxaalessaa Faannoos ta’e Shanee gara jabeenyummaan raawwataa jiran walitti bu’iinsa sabaa uumuun wal fiixiinsi akka mudatu taasisuu ta’uu kaasaniiru.

Kanaan duras Naannoo Benishaangulitti, Naannoo Amaaraa Agawootti bifuma wal fakkaatuun raawwataa kan turan yoo ta’u Godina Shawaa Kaabaattis gochi badii fiixeetti ba’e irra deebiin uummata nagaa irratti raawwatamuu eeraniiru.

Gocha gara jabeenyaa kana Finxaalessaan Faannoo waayita raawwatu Shaneen uummata hidhannoo hiikkachiisuun haala mijeesseera jedhan.

Kanaanis meeshaa irraa hiikuun diinaaf saaxiluu, misooma isaa danquu, ajjeechaa suukanneessaa irratti raawwachuufi raawwachiisuu, akka hin qotanne, akka hin hojjettanne sochii hawaasummaa uummataa ugguruun hiyyoomsaa gama kaaniin ajjeechaa suukkanneessaafi saamicha karaa wal dubbiseen irratti raawwachaa jiru.

Gochi Finxaalessaa Faannootiinis ta’e Shaneen raawwatamaa jiru kun uummata kamiinuu kan bakka hin buune ta’uu ibsaa mootummaan nageenya lammiilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata jedhan.

Kanaafis mootummaan humnoota nageenyaa bifa qindaa’een bobbaasee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetaa kan jiru yoo ta’u, Uummannis obbolummaa isaa akka jabeessu gaafataniiru.

Lalisee Tasfaayee fi BKOtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.