Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gidduugala aadaa fi barnootaa Xaayituuf Birrii miliyoona 5 kenne

Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Sirni walbaruu fi galii walitti qabuu giddugala barnootaa fi aadaa Xaayituu magaalaa Finfinneetti taasifameera.
Sirnicharratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, Itti aantuun Kantiibaa Maagaalaa Finfinnee aadde Adaanach abeebee, artiistoonni, abbootiin qabenyaa fi keessummoonni waamichi taasifameefi argamaniiru.
Gidduu galichi hambaa magaalittii ta’uun kan galmaa’e mana jireenyaa kantiibaa Bitwaddad Hayila Goorgiis Walda Mikaa’eel eeguun tursiisuu cinatti dargaggoota naamusa gaarii qaban horachuufis garagaara jedhameera.
EBCn akka gabaasetti sirna qaamooleen garagaraa gargaarsa taasisan kana irratti bulchiinsi magaala Finfinnee Birrii miiliyoonaa 2.5 bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa ammoo Birrii miliyoona 5 arjoomaniiru.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqa Mokanniniis miindaa isaanii ji’a tokkoo arjoomaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.