Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota ijoo sadarkaa maatitti milkaa’uu qaban kudhan qabatee jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) –Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota ijoo sadarkaa maatitti milkaa’uu qaban 10 qabatee hojjetaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

‘Hoggansi kamuu aantummaafi amanamummaa ummataaf qabu kan mirkaneessu, akkasumas milkaa’inni ykn kufaatiin gaggeessummaa milkaa’inaa galmoota kunneenitiinis kan shallagamuudha jedhan.

Galmoota Ijoo MNO Kurnan Sadarkaa Maatii kunneenis:-

1. Inisiheetivoota Sochoosuu: Ga’umsaafi babaldhina tarkaanfilee addaa (inisheetivoota) maatii hunda qaqqabsiisuu. Kunis akkaataa haala qabatamaa gandichaafi humna maatii jiran irraa ka’uun bifa adda addaa kan qabaachuu danda’u yoota’u, babaldhisuu, walfakkeessufi sirneessuu dabalata.

2. Qulqullina Barnootaa Fiduu: Sadarkaa maatitti barnoota qulqullina qabu dhugoomsuu; barattootaaf barnootaa qaqqabamaafi qulqullina qabu qabu akkasumas gahoomsu kennuu. Asirratti dhaloota barnootaan dorgomaa ta’e umun galma qabsoo ummata Oromoo keessa isa ijoo ta’uun dagatamuu hin qabu.

3. Tajaajila Fayyaa Qaqqabamaa Gochuu: Kenna tajaajila fayyaafi dhiyeessii qorichaa mirkaneessuu, akkasumas dhukkuboota dura ittisuu irratti xiyyeeffachuun, maatii fayyaaleessa umuu. Kanaaf, ittisuu, waldhaansa gahaa laachuu, insuraansii fayyaa, dhiyeessii qorichaa (Faarmaasii Modeela Hawaasaa dabalatee) gahaa taasisuudha.

4. Ogmummaa Babaldhisuu: Ogummaa adda addaa sadarkaa maatitti dagaagsuu, carraa hojiifi dhaweessummaa jajjabessuu. Kun ogummaa qonna ammayyaa, omishaalee qonnaa kurfeessuu, maashinoota sochoosufi suphuu, ijaarsafi bu’uuraalee tajaajila hawaasummaa kan dabalatuudha.

5. Aadaa Hojii Jijjiiruufi Jabeessuu: Hojii kamuuf jalqaba hubannoo ummataa cimsuu, dandeettiifi ogummaa maatii hundaa mirkaneessuu. Aadaa hojii maatii dagaagsuu, indaastirii godoo jabeessuu, humna maatiif tooftaa jijjiiramaa kennuu, ulfina hojiileef dadammaqiinsa gochuu, hojii adda addaa walbira qabanii adeemsisuufi kkf irratti hubannoo umuu.

6. Guddina Omishaafi oomishtummaa: Daballii omishaafi oomishtummaa ga’umsaa maatiin sochii kanaaf qabu guddisuun mirkaneessuu. Galma kana raawwii baay’ina, ariitifi qulqullinaa irratti hundaa’en masakuun dagatamuu hinqabu.

7. Qusannaa Qabatamaa: Cichoomina naamusaafi ittifufiinsan qusannaa mirkaneessuun, qabeenya umuufi cehumsa sadarkaa maatitti mirkaneessuu. Kunis, agarsiiftuwwan akka qabeenya maatiin horatame, invastimantii akkasumas sochii dinagdee gandichaatin kan madaalamuudha.

8. Invastimantii Hirmaachisaa Bocuu: Maatii invastimantiitti ceesisuufi sochii invastimantii hammataa ta’e umuu. Kun maatii invastimantii keessa galchuu qofa osoo hintaane, milkaa’ina invastimantii maatii, babaldhinaafi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessudhaan kan safaramu ta’a.

9. Sagantaa Qulqullina Maatii Dhugoomsuu : Qulqullina dhuunfaa miseensota maatii, manaa, qe’ee jireenyaafi naannawaa akkasumas meeshaalee maatiin fayyadamu fooyyeessuudha. Kanaanis, sagantaa qulqullina maatii jalqabame waliin gahuufi fooyya’iinsa qabatamaa dhugoomsuun murteessadha.

10. Haaromsa Aadaa: Aadaafi eenyummaa ummataafi haala qabatamaa jiru hubachuu, akkasumas aadaa ulfoo babaldhisuufi dagaagsuu irratti xiyyeeffachuun, haaromsa aadaa sadarkaa maatitti dhugoomsuudha. Humna tokkoome umuuf wal ormeessuu osoo hintaane eenyummaa, duudhaa, safuu, aadaa, seenaa hawaasichaa hubachuu, barsiisuufi ittiin buluu gaafata; kanaanis madalama.

Kana hubachuun, hoggansi ummata waliin ta’uun sochiilee maatii mandheenfate raawwachuufi gaggeessuun dirqama ta’a– hawaasa hirmaachisuufi walitti dhufeenya cimaa umuun, karoora MNO qabu keessatti murteessaadha. Kunis hawaasa baldhaaf carraa hirmaachisummaa kennuun, milkaa’ina galmoota qabanneef bu’uura jabaadha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.