Mootummaan naannoo Oromiyaa diinagdee biyyaa utubuuf qonna ammayyeessaa jira – Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf qonna ammayyeessaa jiraachuu sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera misooma Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.
Hojiin misooma qamadii bonaa akka naannootti waggaa shan dura hektaara kuma 7 qofaan jalqabame bara kana lafa hektaara miiliyoona 4 qaqqabuu himaniiru.
Barana callaa kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 63 ol ni eegama jedhan.
Qondaaltonni olaanoon mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Liibanii fi Lumeetti sagantaa jalqabsiisa misooma qamadii jallisiifi dhaabbii Muuzii gaggeesseera.
Godinichatti barana Muuzii lafa hektaara 500 irra dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia