Mootummaan naannoo Oromiyaa boqachuu Dooktara kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi itti dhaga’amuu ibse
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) –Bulchiinsi Mootummaa naannoo Oromiyaa boqachuu haadha hiyyeessaa Dooktara kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi onnee camse itti dhaga’amuu ibse.
Dooktarri kabajaa fi harmeen dhala namaa hundaa Abbabach Goobanaan boqochuu isaaniitiin guddaan itti dhaga’amuu Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.
Dr Abbabechi daa’imman abbaafi haati irra hin jirrre hedduu kunuunsanii guddisaniiru; Dhaloota ergama maatii hanga idil-addunyaatti bahatan geessisaniiru jedhan.
Harka-qalleeyyii danuudhaaf wabii gaafa dhiphinaa tahaniiru.
Harmee Nama hundaa hir’uu gola manneenii ilaalanii guutan ta’uu lammiitu ragaadha jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gadda boqochuu Dooktara kabajaa Abbabech Goobanaa Wayita ibsu, gahee ol’aanaa isaan bara jireenya isaaniitti biyyaa fi dhalootaaf gumaachaniif beekamtii kennuu waliinidha jechuun ibsaniiru.
Dabalataanis, bu’aa harka guddisaa fi deeggarsaa Dooktara kabaja Abbabech Goobanaa, maatii, firoottanii fi ummata naannoofi biyya keenyaa hundaaf jajjabina hawwina jedheera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.