Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 50 naannoo Afaariif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 50 ummata naannoo Afaar sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasiiseera.
Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan deeggarsicha Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf laataniiru.

Preezdaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaa deeggarsa taasiifameef galateeffatniiru.

Gama biroon Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa,obbo Shimallis Abdiisaan Naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti Mana Barumsaa Bu’uura Boruu ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Aliishuum Bahiiriitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.