Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Kibbaa lammiilee naannoo Oromiyaa sababa hongeen miidhamaniif kan oolu Birri miliyoona 20 deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Ummattoota Kibbaa Horsiise Bultoota Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa fi Gujii sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaanii fi marga nyaata loonii Birrii miiliyoona 20tti timaamamu taasiseera.
Jilli Preezdaantii Mootummaa Ummattoota Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawun durfamu, Waajira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti argamuun deeggarsicha kenneera.
Yeroo qormaataa kanatti Mootummaan Naannoo Kibbaa deeggarsa garagaraa taasisaa jiruuf Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan galateeffataniiru.
Uummatni naannolee lameenii misooma waloo akka mirkaneessanii fi nageenyi itti fufaan jiraatee, qormaata gosa kamuu mo’achuuf Mootummoonni Naannolee hojii jalqaban ciminaan kan itti fufan ta’uu Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, Ummanni Oromoo fi Kibbaa karaa hedduun kan walitti hidhamanii fi adda baasuun hin danda’amnedhaa jedhan.
Oromiyaan bu’uura biyyattii fi fakkeenya Ityoophiyaa sirriidhaa jedhan.
Hawaasa naannolee lameenii karaa misoomaa fi nageenyaan walitti hidhuun murteessaa ta’uu dubbatan.
Rakkoo hongee horsiise bultoota mudate wajjin dhaabbannee furuun dirqama hunda keenyaati jedhan.
Naannoon Kibbaa rakkoo hongee Naannoo Oromiyaa keessatti mudate dandamachiisuuf Birrii miiliyoona 20 ramaduun hojii kan eegale yoo ta’u, guyyaa har’aa deeggarsa marga loonii fi midhaanii taasisuu ragaan Waajjira Preezdaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.