Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi SBUB waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi Adda Bilisummaa Ummata Beenishaangul Gumuz (SBUB) waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltecha, Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi Dura Taa’aa Sochichaa Abdusalaam Shangal mallatteesaniiru.
Waliigaltechaan, naannichatti nageenya mul’ataa jiru daran cimsuu fi bu’uuressuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas misoomaa fi nageenya ummata naannichaa itti fufiinsaan mirkaneessuun rakkoolee mul’atan mariin furuuf ta’uun eerameera.

Garaagarummaa siyaasaa akkuma jirutti ta’ee misoomaa fi nageenya ummata naanncihaaf waloon hojjechuuf kan mallatteeffame ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.