Mootummaan Naannoo Amaaraa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad galateeffate
Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.
Rigichi Laga Abbayaa sagantaa Maaddiin biyyaaf ijaarame guyyaa kaleessaa bakka Ministiroonni, Pireezidaantoonni naannolee fi qooda fudhattoonni argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banameera.
Hojii gaarii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojjetaniif maqaa Ummata naannichaatiin galata guddaan qabaaf jedhan Obbo Araggaan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Gorgoraan umaaman midhagde caalmaatti bareeddee akka mul’atu waan taasiisaniif ni galateeffanna jedhan.
Obbo Araggaan qaamoolee hidhatanii Bosona sosocho’an waamicha Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin dhiyaate akka fudhatan irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.
Rakkoo keenya marii fi marabbadhaan furachuun ummanni nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu waamicha keenya dhiyeessina jedhaniiru.