Mootummaan naannichaa tiraakteroota 22 godinaaleef raabse
Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Mootummaan naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaa tiraakteroota 22 godinaaleef raabsuu ibsame.
Oomishaafi oomishtummaa qonnaan bultoota naannichaa guddisuuf tiraakteroota 22 bituun godinaalee 22 raabsuu Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon ibsaniiru.
Tiraakteroonni kunneen hojiin mekaanaayizeeshinii qonnaa cimee akka itti fufuu kan gargaaran ta’uu Ittaanaan Pireezidaantiifi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Maasrashaa Balaachoo ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Tiraakteroonni kunneen baasii Birrii miiliyoona 60 oliin bitamuu eeruun, xiyyeeffannoo mootummaan naannichaa damee qonnaaf kenne kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.