Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa rakkoo keessaafi alaa qolachaa injifannoo gurguddoo galmeessuu danda’eera – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) –Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee namtolcheefi uumamaa qolachaa, pirojektota gurguddoo hojjechuun milkaa’uu danda’eera jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Sagantaan egzibiishiifi agarsiisa suuraa imala waggaa 12 hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaa irratti xiyyeeffate sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi waajjira mana maree hirmaannaa uummataa ijaarsa hidha haaromsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa waliin qophaa’e magaalaa Asallaatti geggeeffamaa jira.

Sagantaa kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan
Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Mootummaan Naannoo Oromiyaa harka tokkoon rakkoo namtolcheefi uumamaa qolachaa, harka tokkoon piroojektota gurguggoo hojjetee milkeessuu danda’uu himaniiru.

Injifannoo argame duubatti deebisuuf humnoonni garaa garaa wal ijaaranii, hidhatanii rakkoo garaa garaa uumuuf yaalanis Mootummaan rakkoo keessaafi alaan isa mudatu keessa dhaabatee injifannoo gurguddaa galmeessuu danda’eera jedhan.

Hidhi haaromsaa guddicha Ityoophiyaa kun akka hin xumuramnee warreen yaadan hidhichi gurgurameera jedhanii olola osoo nurratti geggeessanii marsaa 3f bishaan qabamee humna ibsaa maddisiisuun danda’amuu ibsaniiru.

Riifoormii diinadee irratti geggeeffameen waggoottan muraasa keessatti qonnee of danda’uu akka dandeenyu agarsiisuu bira dabarrre qamadii alaa galchuu dhiisuun alatti erguu dandeenyeerra jedhan.

Pirojektichi waggaa 12 dura yeroo jalqabamu waggaa torba keessatti ni xumurama jedhamee dubbatamus hanqina hoggansaa tureen yeroo jedhametti xumuruu akka hin danddeenye qindeessituun Mana Maree Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa Damee Oromiyaa Aadde Qonjiit Baqqalaa sagantaa kana irratti dubbataniiru.

Hoggansi jijjiiramaa erga aangootti dhufee as garuu hojii dippiloomaasii olaanaa hojjetame akkasumas kontiraaktarootaafi dhaabbilee ijaarsaa idil addunyaa muuxannoo olaanaa qaban hojicha akka qabatan taasisuun ammatti pirojektichi sadarkaa xumuraarra geesisuun danda’amuu aadde Qonjiit himaniiru.

Daarektarri Olaanaan Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa Dooktar Aregaawwii Barihee pirojektichi deeggarsa maallaqaa dhaabbilee deeggarsaafi mootummoota alaa malee madda faayinaansii biyya keessaafi deeggarsa hawaasaan kan hojjetamaa jiru ta’uunsaa kan nama boonsudha jechuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.