Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa nageenya waaraa fiduuf xiyyeeffannoon ni hojjeta- obbo Umad Ujuluu

Finfinnee, Qaammee 4,2014 (FBC)- Mootummaan naannichaa bara 2015tti nageenya waaraa fiduuf xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu Pireezidaantii naannoo Gambeellaa  obbo Umad Ujuluun ibsan.

Obbo Umad waggaa haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Umad ergaasaaniin, bara xumuramaa jiru 2014tti rakkoolee garaagaraa keessatti milkaa’inoota hedduu galmeessisuu ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa magaalaa Gambeellaatti mudatee ture karaa qindaa’aa ta’een qolachuurra darbee yeroo ammaa magaalichatti nageenyi fooyya’aan jiraachuu kaasaniiru.

Hojiilee bu’aa qabeessa bara 2014 hojjetaman cimsuuniifi hanqinaalee mudatan furuuf akkasumas qormaatilee mudatan hiikuuf hundi hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru.

Naannichatti sababa balaa lolaan lammiileen kumni dhibbi 1 fi kumni 87 ol qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’uu yaadachiisuun, lammiilee kanneen waaraan dandamachiisuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta’uu kaasaniiru.

Waraana garee shororkeessaan ABUT Ityoophiyaanotarratti bane waloon qolachuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, uummanni naannichaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraatiin obbo Umad guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii 200’f maaddii qooduu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.