Mootummaan naannichaa Humnoota Waloo fayyadamuu irratti imala milkaa’inaa irra jiraachuu argineerra – Pire. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Humnoota Waloo (Mana Murtii Aadaa, Buusaa Gonofaa, Tajaajila Lammummaafi Gaachana Sirnaa) fayyadamuu irratti imala milkaa’inaa irra jiraachuu argineerra jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee hawaasaa adda addaatiif, furmaata aadaafi duudhaa hawaasichaa giddugaleeffate gara seeratti caasessee, bifa humnoota walootiin erga hojiitti galee bubbuluu eeraniiru.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan humnoota waloo kanneen ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Qorannoo yeroo dhiwoo taasisneen, mootummaan naannichaa Humnoota Waloo (Mana Murtii Aaadaa, Buusaa Gonofaa, Tajaajila Lammummaafi Gaachana Sirnaa) fayyadamuu irratti imala milkaa’inaa irra jiraachuu argineerra.
Akkuma armaan olitti tarreeffame, kunneen keessaa, Manni Murtii Aadaa isa tokko. Manni Murtii Aadaa, waldiddaa qaamolee adda addaa seera aadaafi duudhaa bu’uureffachuun hiikuu cinaatti, dhugaa baasuufi haqa argamsiisuu, hariiroo hawaasummaa wal-dhabdootaa deebisee ijaaruu, olaantummaa seeraa mirkaneessufi mirgoota lammiilee kabachiisuu irratti shoora guddaa taphachuu irratti argama.
Dabalataanis, hawaasni naannichaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa, adeemsa salphaafi baasii xiqqaan akka argatu, sirna seeraafi haqaa guddina aadaafi duudhaa Oromootiif akka gumaachuu akkasumas, miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e akka umamu dandeessisaa jira. Yeroo ammaa gandoota waliigala jiran 7,477 keessaa, gandoonni 6,355, Manneen Murtii Aadaa Jalqabaa 6,252 hanga ammaa hundeeffaman jalatti ramadamanii tajaajila argachaa jiru.
Gama biraatiin, Aanaalee 333 keessatti, Manneen Murtii Aadaa Ol-dabarfataa 355 hundaa’aniiru. Haala yaa’insa dhimmootaa Manneen Murtii Aadaa jalqabaa yoo ilaallu, ji’oota saglan darban dhimmoota 352,168 kan simatan yoota’u, dhimmoonni 287,165 (%.81.54) murtoo argatanii jiru.
Yaa’insi dhimmoota bara 2015 Manneen Murtii Aadaa Jalqabaa ji’oota sagalii 260,382 kan ture yoota’u, raawwii 2016 yeroo wal-fakkaatatiin garaagarummaa 91,786 (%35.25) qaba. Manneen Murtii Aadaa Ol-dabarfataa ji’oota saglan darban dhimmoota 17,984 simachuun dhimmoota 15,038 (%83.62) murtoo kennanii jiru. Kan bara 2015 ji’oota sagalii dhimmoota 12,051 yoota’u, raawwii bara 2016 yeroo walfakkaatatiin garaagarummaa 5,933 (%49.23) qaba.
Raawwii Manneen Murtii Aadaa jalqabaa yoo ilaallu, yeroo wal-fakkaataa bara 2015’tti, galmeen 209,270 (%80.37) ta’u murtii kan argatan yoota’u, kan bara kanaa ammoo dhimmoota 287,165 (%81.54) dha. Gama Mana Murtii Aadaa Ol’dabarfataatiin, bara 2015’tti, dhimmoonni 8,800 (%73.02) murtii kan argatan yoota’u, kan bara 2016 yeroo wal-fakkaataa 15,038(%82.52) ta’uu agarsiisa. Haaluma kanaan, dhimmoota Manneen Murtii Aadaa sadarkaa lameenitti, bara 2016 (ji’oota sagalitti) murtoo argatan, kan bara 2015 yeroo walfakkaataa dhimmota 6,238 (%70.88) kan caalaniidha.
Adeemsa waliigalaa irraa akka hubatamutti, Manneen Murtii Aadaa gama tokkoon dandeettii dhimmoota ofharkaa qulqulleessuu daran dabalaa kan dhufan yoota’u, gama biraatiin, lakkoofsi rakkoolee dhuunfaafi hawaasaa furmaata kennaafi jiran daran bal’dhaadha. Dhumarrattis, mootummaan hojii akka gurmaa’aniifi bifa dhaabbatummaa horatan jalqabe gara fuula durattis, cimsee kan itti fufu ta’uu ummata keenyaaf mirkaneessuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.