Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa hojiilee qabiinsa namoomaa eeggannoon raawwateera-Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Mootummaan naannichaa hojiilee qabiinsa namoomaa eeggannoon raawwachuu Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Obbo Araggan Boordii Qorannoo Raawwii Labsii Yeroo Arifachiisaa waliiin marii gaggeessaniin, haalli qabiinsa namoomaa lammiilee shakkamanii to’annoo jala turaan gaarii ta’uu beeksisaniiru.

Walitti Qabaan Boordichaa Azmaraa Andeemoon gama isaaniin nageenyi naannichaa tasgabaa’aa dhufuu hubachuu ibsuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Gaheen boordii qoratichaa lammiileerratti sarbamni namoomaa hinbarbaachifne akka hinraawwatamne hordofuu ta’uu hubachiisaniiru.

Naannwaalee daawwannaa taasifametti namoonni to’annoo jala oolfaman haala gaariirraa jiraachuu ibsanii, shakkamtoonnis leenjii haaromsa fudhachuun hawaasatti makamuun faara gaariin kan ilaalamuudha jedhan.

Marii hawaasa waliin taasifameenis gaaffii namoonni haaloo bahannaaf to’atamaa jiru jedhamee gaafatamuu ibsanii, mootummaan gaaffilee ummatarraa ka’aniif qorannoo gaggeessuu fi sirreessuu akka qabuu akeekameera.

Qorannoon shakkamtootarratti gaggeeffamus saffisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Walitti Qabaa Ittaanaan Boordichaa Dooktar Najaat Girmaan gama isaaniin, marii gaggeeffame ummanni nageenya kan barbaadu ta’uu, walitti bu’iinsaarraa barachuu hubachuu isaanii kaasan.

Obbo Araggaan gama isaaniin, rakkoolee naannichatti mudatee tureef sababni seenessii sobaa barootaa dheeraaf turan ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, caasaan mootummaa hanga sadarkaa gadiitti diriiruu kaasanii, yeroo ammaa tarkaanfii fudhatameen gara riphee loltummaa fi gochaa shororkeessummaatti bu’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa qabiinsa namoomaarratti eeggannoo olaanaan hojjechuu, dogoggorri gama kanaan yoo jiraates hordofuun akka sirreessan himaniiru.

Humnoonni walitti bu’iinsichaan daldalaa jiran walitti bu’iinsa uumuun galii argachuuf yaalii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Ummata waliin qofaa utuu hintaane humnoota hidhatan waliin kan mari’ate mootummaan naannichaa, ammas taanaan balballi marii banaa ta’uu mirkaneessaniiru.

Waamicha nageenyaa taasifames hiikaa burjaajessaa kennuun ololli gaggeeffamu sirrii akka hintaane himaniiru.

Lakkoofsi hidhatoota nagaan harka kennatanii guyyuu dabalaa jiraachuu fi kunis nageenya waaraa naannichaa mirkaneessuuf murteessaa ta’uun, hojiin kunis kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.