Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa hanqina simmintoo furuuf dhaabbilee oomishtoota waliin mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Somaalee hanqina simmintoo naannichaa furuuf dhaabbilee oomishtoota simmintoo waliin mari’achuun murtoo dabarsuu ibsame.
Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Obbo Ibraahiim Usmaan, miseensota kaabinee naannichaa waliin ta’uun, hoggantoota warshaalee oomishtoota simmintoo biyyaalessaa kanneen ta’an Naashinaal Simmintoo, Paaynarii fi Turee waliin haala hanqinaa fi daballii gatii simmintoo furuun danda’amurratti mar’ataniiru.
Haaluma kanaan, oomishtoonni simmiintoo naannichaa hawaasaa isaaniif dursa akka kennanii fi oomishicha gatii madaalawaan akka dhiyeessan waliigalteerra ga’ameera.
Dabalataan, Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa marii Waxabajjii 4, 2014 oomishtoota simmiintoo waliin taasiseen murtoon dabarse hojiirra akka ooluu waliigalteerra ga’amuun eerameera.
Kun utuu kanaan jiruu, dhaabbilee fi namoota dhuunfaa gatii barbaadaniin gurguraa turan gabaan ala waan taasiseef, oomishi simmintoo salphaatti hawaasa bira akka qaqqabuuf, tilamaama gatii simmiintoo kan murteessuu hojimaataa seera qabeessa akka diriirsu Mootuummaan Naannoo Somaalee beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.