Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jijjiiramaa rakkoolee bu’uuraalee misoomaa jiran hiikuun dilbii naannawichaa gara fayyadamummaatti jijjiiruuf xiyyeffannoo olaanaan socho’aa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 27, 2017 (FMC) –Mootummaan Jijjiiramaa rakkoolee bu’uuraalee misoomaa jiran hiikuun dilbii naannawichaa gara fayyadamummaatti jijjiiruuf xiyyeffannoo olaanaan socho’aa jiraachuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Tarminaala Buufata Xiyyaaraa maqaa Jeneraal Waaqoo Guutuun moggaafame eebbisisaniiru.

Eebbifamuu Tarminaalichaa ilaalchisee Pireezidaanti Shimallis ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyeetera.

Guyyaa har’aa sagantaa eebba Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Waaqoo Guutuu maqaa qabsaa’aa Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuutiin moggaafame irratti argamuu kiyyatti gammadeera. Tarminaalli ammayyaa’aa kun xumuramee hojii jalqabuu isaatti, ummanni Godinaalee Baalee, hawaasni qaxanichaa akkasumas ummanni Oromoo marti baga gammaddan.

Godinaaleen Oromiyaa kallattii kanaan jiran, dilbii misoomaa hedduun kan ebbifamanidha. Qaxanichi gama qonnaa, turizimiifi albuudatiin lafa carraa baldhaa qabu yoota’u, kooridorii jabaa dinagdee al-ergiifi al-galchiis ta’uu kan danda’uudha. Haata’uutii rakkoon hidhamiinsa daandii qilleensaafi lafaa gaaffii bara dheeraa naannawichaa ta’ee tureera. Mootummaan Jijjiiramaa keenya kana dafee hubachuudhan rakkoolee bu’uuraalee misoomaa jiran hiikuun dilbii naannawichaa gara fayyadamummaa dinagdeetti jijjiiruuf xiyyeeffannoo olaanan socho’aa jira. Tarminaalli Buufata Xayyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu guyyaa har’aa eebbifame kunis qaamuma sochii kanaati.

Akkuma Jeneraal Waaqoo Guutuu, gabrummaa hiddaan buqqifna, yoodidame ilmaan itti guddifna jedhan, yaadni isaanii milkaa’ee, ilmi isaanii Looreetiin Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) gahee Muummee ta’e; bu’uurri qabsoo isaanis galma gahuun buufanni xayyaaraa kun maqaa isaanitiin akka mogga’u taasisan.

Kanaan duras Buufanni Xayyaaraa Guddinaa Tumsaa Naqamteefi Hayilee Fidaa Dambiidoollootti maqaa gootota keenyatiin moggaafamaniiru. Kunis gama tokkoon Mootummaan Jijjiiramaa keenya qabsaa’ota qaalii mirga ummata Oromootiif gatii kanfalan yoomiyyuu kan hindagannefi waadaa isaan aarsaa kanfalaniif kan jiraatudha. Gama biraatin dhaloonni haaraan sabboonummaa gochaatin saba ofii waliin dhaabbachuun kabaja fuula seenaa irraa hin haqamne ta’uu hubachuun akka socho’u kan onnachiisudha.

Daandiii qilleensaa cinaatti mootummaan naannawa kanatti daandii aspaaltii babaldhisuuf pirojektoota adda addaa hojiitti hiikaa kan jiru yoota’u, gama kanaan pirojektoota daandii aspaaltii Gobba-Barbaree-Dalloo Mannaa akkasumas daandii aspaaltii Roobee- Soof-Umar hojiilee ariitiin hojjetamaa jiraniidha. Bu’uuruma kanaan, qabeenyafi dilbii olaanaa naannawichaa gabaa, faayinaansiifi beekumsa giddugaleessaafi biyya alaatiin walitti hidhuun fayyadamummaa ummanni keenya gama hundaan argachuu qabu mirkaneessuuf socho’aa jira.

Irra deebiin ummanni keenya baga gammaddan jechaa, yeroo dhufuttis Garee Daandiiwwan Qilleensa Itiyoophiyaa waliin ta’uun buufataalee xayyaaraa Mattuu, Yaabeelloofi Nageellee Boranaa adeemsa ijaarsaa irra jiran yeroo gabaabaa keessatti kan xumuraman ta’uu abdii guutuun qabuun qabu isaa Garee Daandiiwwan Xayyaara Itoophiyaa hojii isaanii bakka bu’iinsa hinqabne kanaaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.
#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.