Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jijjiiramaa hudhaalee rogdanuu magaalota raasan furuuf inisheetivoota bocee hojjechaa jira-Pireezidaanti Shimallis

Hangafa Inisheetivoota Magaalaa — Qusannaa, Liqiifi Invastimantii

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, misooma magaalatiin galmoota tarsiima’oo afur, cehumsa hawaas-dinagdee magaalaatiif bu’uura kaa’uu danda’an qabatee socho’aa jira.

Seenaa addunyaa keessatti magaaloonni gahee motora diinagdee bahachaa turan.

Magaaloonni keenya gahee waliigalaa kana akka bahatan, haala qabatamaa magaalota keenyaa beekun barbaachisaadha.

Ummata keenya keessaa, jiraataan magaalaa %21 qofa.

Innuu amalaafi ilaalama magaalaa hinhoranne.

Ogummaa hinqabu; aadaan qusannaa isaa daran laafadha; kalaqeessoo (innovative) miti; teknoolojii waliin hintarkaanfatu.

Jiraatan magaalaa keenya, mala jireenya magaalaatti kan madaqee miti.

Magaalaa jiraatullee, %41 hojii qonnaa irratti kan bobba’e. Hubannoon hojii daldalaa irratti qabu gadi aanadha.

Gama kaanin, mootummoonni magaalotaa keenya, kan magaalomanii miti.

Rakkoo kenniinsa tajaajilaa hamaa, akkasumas hordoffiifi deeggarsa laafadhaan beekama.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya, hudhaalee rogdanuu magaalota keenya raasan furuuf, inisheetivoota magaalaa torbaa ol bocuun hojiitti hiikaa jira.

Kanneen keessaa tokko Inisheetivii Qusannaa, Liqiifi Invastimantii Jiraattotaafi waldaalee (IMX, Interpiraayizoota) Magaalaati.

Inisheetiviin kun, gama tokkoon amaloota, ilaalamaa fi mala jireenya magaalaa — ogummaa, kalaqa, dhaweessummaa, teknoolojii — onnachiisuu, gama birootin hormaata qabeenyaa — qusannaa aadessuu, daldala babaldhisuu, invastimantii jajjabeessufi omishaafi omishtummaa — guddisuun jiruufi jireenya hawaasa magaalaa fooyyessuu akkasumas magaalaa gara humna dinagdeetti ceesisuu kaayyeffata.

Raawwii Qusannaa

Inisheetivii kana rakkoolee marfatoo armaan olitti ilaalaman gidduutti jalqabnus, aadaa qusannaa hamma tokko dagaagsun nuuf milkaa’aa jira. Waliigalaa, qusatoonni miliyoonan lakka’aman dabtara baankii saaqqataniiru; birr biliyoonatti lakkaa’amu qusatanii jiru.

Karoorri keenya bara kanaa, gama lachuunuu hiixataadha. Kan kuusa qusannaa yoofudhanne ammoo, raawwii waliigalaa waggoottan darbaniitii oliidha.

Bu’uuruma kanaan, qusattoota haaraa horachuu irratti haala gaariirra jira. Kuusa birrii qusattoota irraa sassaabamuu qabuutin garuu, harkifannaan akka jiru, fudhatamuu qaba.

Walumaagalatti, gama tokkoon baldhina liqii dhiyeessuu barbaannu, gama birootin lakkoofsa jiraattota, dhaweessitootafi waldaalee liqii laatun gara sochii dinagdeetti galchuu barbaannu milkeessuf hojii baldhaan fuuldura keenya jiraachuu yaadachuun barbaada.

Raawwii Dhiyeessii Liqiifi Invastimantii

Gama dhiyeessii liqii “Micro Finance” (Waldaalee IMX, Interpiraayizootafi Gamtaa Liqeeffattootatiin), waliigalaatinis, karoorri keenya bara kanaa hiixataadha.

Raawwiidhaanis haala gaarii irratti argamna. Waldaalee IMX yoofudhanne, fedhii liqii dabalaa dhufe hordofuun karooraa ol liqeessun danda’ameera.

Dhimmi murteessan biraa, liqeeffattoota heddumminaan horachuu, invastimantiitti galchuufi gara sochii dingdeetti makuudha.

Hanga ammaatti, Waldaalee IMX, Interpiraayizootafi Gamtaa Liqeeffattootaa kumaatamaan lakkaa’aman gara invastimantiitti galchuun danda’ameera.

Haata’u malee, galmi gama kanaan kaa’ame, yeroo dhufanitti sochii tarsiima’aa taasisuu akka qabnu kan muldhisuudha.

Walumaagalatti, hojiin dhiyeessii liqii xixiqqaafi giddugaleessaa babaldhisuun sochii dinagdee keessa galchuu irratti raawwatame kan baay’ee nama jajjabeessudha.

Galma hammattummaa faayinaansii dhugoomsuf kaawwanne milkeessuf karaa sirrii qabachuu keenya kan agarsiisudha.

Akkasumas, baankota daldalaa biyya keenyaatiif, faana haaraa kan kaa’edha.

Haata’u malee, galmoota waliigalaa inisheetivichaa milkeessuf, yeroo gabaabaa keessatti maamiltoota qusannaafi liqeeffannaa miliyoonota hedduu horachuufi invastimantiitti galchuun, gara humna dinagdeetti dabaluun kan nurraa eegamu ta’uu dagatamuu hinqabnu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, inisheetivii kana milkeessuf kallattiiwwan tarsiima’oo kaa’un hordofuu irratti kan argamu yoota’u, kanneen xiyyeeffannoo addaa barbaadan lama akka ittaanutti kaasun barbaada:

Kallattii Tarsiima’oo Tokko: NAMA MAGAALOMSUU
Nama magaalomsuun, amalaafi ilaalama akkasumas mala jireenya magaalaatti madaqsuu gaafata.

Akkaatuma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jiraattota magaalaa keenya, keessumaa dargaggootafi dubartoota biratti, aadaa qusannaa, horata ogummaa, kalaqoomsa (innovation), itti fayyadama teknoolojiifi ilaalama dhaweessummaa (entrepreneur mind-set) jajjabeessun magaalomsuuf hojjachuu irratti argama.

Kunis, gama tokkoon, humna namaa keenya carraa hojii jiruuf qopheessuu akkasumas dorgomaa taasisuu, gama birootin, dandeettii dilbii armaan dura hinmuldhanne arguun gara carraa qabatamaatti jijjiiruuf isaan barbaachisu hidhachiisuudha.

Aadaa Qusannaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, aadaa qusannaa jajjabeessufi aadessuuf, kallattiiwwan afur kaa’ee socho’aa jirra.

Tokko – aadaa qusannaa keenya sakatta’uu, qeequufi hubannoo bu’uuraa faayinaansii (financial literacy) babaldhisuu.

Lama – namni kamuu “dabtara” baankii akka saaqqatu gochuu; garee qusannaa gamtaa babaldhisuu.

Sadi – paakeejii qusattoonni, qusannaa isaanii irraa ittiin fayyadamaa ta’an qopheessuu.

Afur – qusannaafi liqii walitti hidhuu. Jalqabbiin jiru kan hintuffatamne ta’ullee, ammas hojii baldhaan fuuldura keenya kan jiru ta’uu yaadachiisun barbaada.

Horata Ogummaa

Ogummaa babaldhisuuf sochiileen garagaraa taasifamaa jiru.

Bu’uuruma kanaan, tarkaanfiilee-addaa leenjiiwwan ogummaa, gama tokkoon dargaggootafi dubartoota, gama kaanin, sektaroota ijoo akka teknoolojii odeeffannoo, maanufaakchariingiifi ijaarsaa irratti xiyyeeffatan babaldhachuutti jiru.

Carraa kanaan, yeroo dhufutti, dhaabbilee leenjii ogummaa turan waliin hariiroo tarsiima’aa umuun, akkasumas fedhii jiru madaalun haaraa hundeessun, dhimma milkaa’ina inisheetivichaa murteessu ta’uu cimsee hubachiisun barbaada. Bifuma walfakkaatun, lammiileen keenya fedhii gabaa hojii guddachaa jiruuf qophii akka ta’an, itti fayyadamaa, babaldhinaafi madaqsa teknoolojii irratti, sagantaalee beekumsa bu’uuraa ittifayyadama dijiitaalaa (Digital Literacy Program) hojiirra oolchuun, dirqama nu eeggatu ta’uu yaadachiisun barbaada.
Misooma Ilaalama Dhaweessummaa
Qaawwa dhiyeessii guutuu, fedhii haaraa umuu, akkasumas, dinagdee baay’isuuf, dhaweessitoota horachuun dhimma bakka hinbuufamne ta’uu hoggansi magaalaa kamuu hubachuu qaba.

Mootummaan kana hubachuun, karoora dheerina yeroo garagaraa qaban baasee socho’aa jira.

Galma yeroo dheeraaf, dhaweessummaan kutaa gadiitii jalqabee akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamu ta’eera.

Sagantaaleen leenjii yeroo gabaabaafi giddugaleessaa, ilaalama dhaweessummaa babaldhisuu, dhaweessitoota haaraa onnachiisuu, daldaltoota/invastaroota hojiirra jiran jajjabeessuu kaayyeeffatan kennamaa jiru.

Kallattii Tarsiima’oo Lama: MOOTUMMAA MAGAALOMSUU
Kenniinsa Tajaajilaa Fooyyessuu
Galmoota tarsiima’oo misooma magaalaa afran keessaa tokko mootummaa magaalomsuudha. Kunis, kenniinsa tajaajilaa bara waliin deemu (E-Governance) sirnoomsun ibsama. Mootummaan keenya, riifoormii caasawaa gooroo Mootummaan Jijjiiiramaatiin akeekkame bu’uureffachuun riifoormii kenniinsa tajaajila mootummaa hundagaleessa (comprehensive public survice reform) labsee socho’aa tureera.

Rakkoolee kenna taajaajilaa jiran furuuf, furmaatilee dijiitaalaa kenna tajaajilaa cimsan, adeemsa bulchiinsaa fooyyessan, akkasumas hirmaattummaafi kutannoo lammiilee guddisan diriirsuuf yaaliin taasifamaa jira.

Haata’u malee, rincicummaan jiru, milkaa’ina inisheetivii kanaas ta’ee, galmoota tarsiima’oo waliigalaa magaalaa kan qoru ta’uu fudhatamuu qaba. Mijatummaan hojii biisinasii (Ease of Doing Business) har’as gadi aanadha. Naannoon keenya, gatachiisa biizinasii gulantaa jalqabaatin (startup failure) sadarkaa duraa irratti argama.
Adeemsa yaraa kana jijjiiruuf, dhimmoota muraasa yeroo dhufutti xiyyeeffannoo barbaadan yaadachiisun fedha.

Tokkoffaa naannawa dandeessisoofi gargaarsaf dhaabbate umuu barbaachisa.

Kunis, galmee intarpiraayizii mixii (micro)’fi xixiqqaa salphisuu, argama liqii ka’umsaa salphisuufi inkubaatoora daldalaa babaldhisuun ibsamuu qaba.

Lammaffaa, hirmaannaafi milkaa’ina dargaggoonni keenya daldala ogummaafi kalaqoomsa bu’uureffate keessatti qaban guddisuu barbaachisa.

Kunis, sagantaalee tajaajila gorsaa, leenjiifi dhiyeessii faayinaansii akkasumas tarkaanfilee dandamannaa biizinasii dabalan babaldhisuun ifuu qaba.

Walumaagalatti, riifoormii qabatamaa dijiitaalessa tajaajilaa dhugoomsun, qaqqabummaa, si’aawummaa, itti gaafatamummaafi dhimmamummaa gaafii ummataa dabaluu, jedhees bu’a qabeessummaa bulchiinsa magaalaa waliigalaa fooyyessuun waan boruuf hinjedhamneedha.

Carraa Hojii Umuu

Namni tokko akka qusatu, hunda dura carraa hojii madda galii ta’e qabaachuu qaba.

Jiraattota maagaalota keenyaa keessaa gamisaa ol kan ta’an dargaggoota.

Dargaggoota keenya keessaa ammoo, %37.7 hojii dhabdoota. Dhugaa kana osoo hinjijjiirin, inisheetivii kanas ta’ee galmoota tarsiima’oo magaalaa milkeessun waan yaadamuu miti.

Bu’uuruma kanaan, mootummaan gama tokkoon carraa hojii baldhinaan umuuf karooran socho’aa jira.

Yeroo ammaa, inisheetivoota carraa hojii magaalaa torba — horsiisa beeyladaa, furdisa loonii, misooma lukkuu, misooma qurxummii, misooma booyyee, indastirii godoofi giddugala gurgurtaafi bittaa — babaldhisuun dargaggoota itti bobbaasuu irratti argama.

Raawwii hanga ammaa toorawwan lama irratti ariitiin socho’uu akka qabnu agarsiisa.

Tokkoffaa, inisheetivoota carraa hojii kunniin hanga lakkoofsa hojii dhabaa magaalota keenyaa madaalanitti, akkasumas, dinagdee naannoo keenyaa keessatti eeyyeentaa umuu danda’anitti babaldhisuu.

Lammaaffaa, waliingahiinsa, sirnoomsafi gama hundaan guddisaa deemuu irratti milkaa’uu.

Dabalataanis, aadaa hojii, hojii argamerratti bobba’uuf heeyyamu umuu irratti hojjatamuu qaba.

Hordoffiifi Deeggarsa Taasisuu

Hammantaan gabaa keessaa bahuu (market exit) biizinasii gulantaa jalqabaa magaalota keenya keessatti muldhatu har’as olaanadha.

Haala dandeessisoo ka’umsaa invastimantiif mijeessun akkuma jirutti ta’ee, gahee dinagdee magaalota keenyaa keessatti qaban, qixa barbaadamuun akka bahatan, hordoffiifi deeggarsi itti fufiinsa qabu dhimma murteessodha.

Bu’uuruma kanaan, deeggarsa waldaalee IMX, Interpiraayizootafi Gamtaa Liqeeffattootaa hojii keessa jiraaniif taasisnu cimsinee itti fufuu qabna.

Bu’uuruma kanaan, iddoo omishaafi gurgurtaa dhiyyeessuu, hidhata dhaabbilee faayinaansii waliin qaban cimsuu, hidhamiinsa gabaa biyya keessafi alaa mijeessuu, walitti dhufeenya indastirii manifaakchariingii gurguddoo waliin qaban sirnoomsuu, teknoolojii beeksisuufi sarara fedhiifi dhiyeessii galtee omishaa diriirsuu irratti deeggarsa addaan hincinne taasisuu qabna.

Akkasumas, leenjii gahumsa oomishtummaa cimsu, aadaa hojii haaraa dagaagsu, ilaalama dhaweessummaafi kalaqaa jajjabeessu itti fufiinsan kennuun hedduu barbaachisa.

Walumaagalatti, hojiin inisheetivii magaalaa keenya, yeroo gabaabaa keessatti bu’aa argamsiisaa jira.

Furguga umamaa jiru kana dabaluun, inisheetivii Qusannaa, Liqiifi Invastimantii Jiraattotaafi waldaalee (IMX, Interpiraayizoota) Magaalaa milkeessuu qofa osoo hintaane, magaalota keenya gara humna dinagdee amansiisatti ceesisuu qabna.

Kanaaf ammoo, qoddatoota akka — NAMA MAGAALOMSUU (aadaa qusannaa, horata ogummaa, misooma ilaalama dhawweessummaa) fi MOOTUMMAA MAGAALOMSUU (kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, carraa hojii umuufi, hordoffiifi deeggarsa sirnoomsuu) irratti qixa barbaadamuun socho’uun, jijjiirama qabatamaa galmeessisuun akka duursu dagatamuu hinqabu”-

Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.