Mootummaan Jarman, Yuuroo miiliyoona 56.5 Ityoophiyaaf deeggarsa kan taasiisu ta’uu ibse
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Mootummaan Jarman Ityoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuu dabalatee dameewwan garagaraaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 56.5n deeggarsa kan taasiisu ta’uu beeksiise.
Waltajjiin tumsa misoomaa Itiyoo – Jarman Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti deeggarsi kun ifoomeera.
Itiyoophiyaatti imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo taasiifame hojiitti hiikuuf tumsi biyyoota michuu murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen waltajjicharratti ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Jarman michummaa bara dheeraa qabaachuu Itiyoophiyaattii Ambaasaaddarri Jarman Jeensi Haanifiild ibsaniiru.
Waltajjiin tumsa misoomaa kunis hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu eeraniiru.
Jarmanitti Ministirri Tumsa Diinagdee fi Misoomaa Itti Gaafatamaan Diiviizhinii Afrikaa Bahaa Maarkas Voon Eesseen gama isanaiin, Dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Mootummaan Jarman Itiyoophiyaatti tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuu, Interpiraayizoota giddugaaleessa jajjabeessuu, Barnootaa fi bulchiinsa lafaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 56.5 deeggarsa taasiisuun xumura waltajjichaarratti ibsameera.
#Oromia #Ethiopia