Mootummaan Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 7.5 taasise
Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)- Mootummaan Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 7 fi kuma dhibba 5 taasisuu ibsame.
Deeggarsichi lammiilee biyyattii kutaalee garaagaraa keesatti rakkoo keessa jiraniif kan oolu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Jarman irraa argame ni mul’isa.
Deeggarsichi deeggarsa namoomaa lammiilee Ityoophiyaa sababa rakkoolee uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif taasifamaa jiru kan gargaaru ta’uus eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.