Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jaappaan miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an obbo Hordofaa Baqqalaaf Nishaanii kabajaa laate

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Mootummaan Jaappaaniin qaamolee hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf gumaachaa taasiisaniif kan laatu miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota kan ta’an obbo Hordofaa Baqqalaa Nishaanii kabajaa badhaaseera.

Badhaasni kun badhaasa umrii dheeraa yoo ta’u,kana dura gorsaa diinagdee kan turan obbo Nawaay Gabra’aab, Dooktar Arkabee Iqqubaayii fi Muummeen Ministiraa duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaaleenyi badhaafamanii turan.

Ityoophiyaatti hojiirra oolmaa kaayizaniif shoora olaanaa kan ba’an obbo Hordofaa Baqqalaaf Nishaaniin kabajaa kun guyyaa har’aa laatameera.

Sirna beekkamtii kanarratti Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo, itti aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Shittaayee Minaalee dabalatee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Jaappaan argamaniiru.

Obbo Hordofaa Baqqalaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojii hojjetaniif sirnicharratti galateeffatamaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.