Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labse.
 
Mootummaan Ityoophiyaa weerara vaayrasichaa ittisuuf tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachaa turuun ni yaadatama.
 
Ummanni hubannaa akka argatuu fi of eeggannoo akka cimsu, dhaabbileen fayyaa akka qophaa’an, meeshaaleen ittisaa fi wallaansaa alaa gara biyyaa akka galu, tursoonni addaa akka qophaa’an, manneen barnootaa akka cufaman, hojjettoonni mootummaa heddumminnaan mana akka turan, sirnoonni hawaasni baay’inaan itti walitti qabamu iddoolee amantaa dabalatee walgeettii malee akka gaggeeffaman, geejibni ummataa heddumminaan akka adda citu, yeroo rakkisaaf qabeenya walitti qabuunis raawwatameera.
 
Saaxilamummaa lammiilee hir’isuu fi fayyaa isaanii eeguuf, mootummaan federaalaa akkaataa heera mootummaa keeyyata 93 labsii yeroo ariifachiisaa labseera.
 
Mootummaan haala jiru ilaalcha keessa galchuudhan, weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuun murteessaa ta’eera jedheera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.