Mootummaan Ityoophiyaa nageenya biyyaa fi lammiilee eegsiisuuf tattaaffii olaanaa taasiisaa jira – Dooktar Abrahaam Balaay
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa dhiibbaa keessaa fi Alaa qolachuun nageenya biyyaa fi lammiilee eegsiisuuf tattaaffii olaanaa taasiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
Yeroo ammaa ummata Ityoophiyaa miiliyoona 100 ol shororkeessuuf keessaa fi alaa dhiibbaa guddaan taasiifamaa jiraachuu Dooktar Abrahaam himaniiru.
Biyyattii dadhabsiisuu fi mootummaa karaa Diimookiraasiin filatame garagalchuuf taatoonni dhama’aa jiran kanneen qalbii ummata Ityoophiyaa tilmaama keessa hin galchine ta’uu eeraniiru.
Qaamoleen kunneen Ashaangulliitii mataa isaan kaa’achuuf fedhii qaban labsaniiru jedhan.
Mootummaan Ityoophiyaa filannoo ummataa kabajuu fi kabachiisuuf ajandaa qoqqoodaa ABUT dhabamsiisuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu dhaabbileen deeggartoota akka hubatan Dooktar Abrahaam waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.