Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattoota Firuud jedhamuun ukkaamfaman gadi lakkisiisuu ibse
Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattoota Firuud jedhamuun ukkaamfaman gadlakkisiisuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Ministeerri Dhimma Alaa haala yeroo fi dhimmoota Afrikaa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera.
Ministeerichatti Daaykterri Olaanaan dhimmoota Afrikaa Jeneeraal Ambaassaddar Fisahaa Shawaal ibsa kennaniin, tattaaffii mootummaa naannoo Afaar waliin taasifameen lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattootaa Firuud jedhamuun ukkamfaman gadlakkisisneera jedhan.
Biyyoonni lameen rakkoo nageenyaa waliin furuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Lammiileen ukkaamfamanii turan Mootummaa Jibuutiif dabarfamanii kennamuu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Ashannaafii Shibbiruu fi Misikkir Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.