Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa namoomaa deebisanii eegaluuf kutannoo qaban ibsan

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, kutaalee hawaasaa rakkoo saaxilamoo ta’aniif deeggarsa namoomaa hatattamaan eegaluuf tattaaffii waloo cimsanii kan itti fufan ta’uu beeksisaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dameen Ityoophiyaa waloon ibsa laataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tumsa isaanii cimsuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti misooma hundagaleessa fiduuf hojjechuun kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif deeggarsa namoomaa saffisaan dhiyeessuuf tattaaffii waloo kan taasiisan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.