Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa dhiyeessi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiin ariifachiisuuf hojiiwwan adda adda raawwachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)–Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraay deeggarsa namoomaa barbaachisuuf dhiyeessi deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf lammiilee rakkoo olaanaa keessaatti argaman baraaruuf walitti bu’iinsa dhaabuun isaa ni yaadatama.

Dhiyeessi deeggarsa namoomaa waqtaawaa ilaalchisee Tajaajilli Komikeeshinii Mootummaa ibsa laateera.

Erga murtochi darbee kaasee mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa jira.

Balalli qilleensa torbeetti yeroo lama taasifamaa ture guyya guyyaan akka taasifamuuf dhaabbilee namoomaa idil addunyaa deeggarsa dhiyeessaniif eeyyama laateera.

Bu’uruma kanaan dhaabbileen qorichoota, meeshaalee fayyaa, maallaqoota fi meeshaalee nyaata hanga danda’an geejjiba xiyyaaraatin imalchisuu eegalaniiru.

Deeggarsi namoomaa geejjiba qilleensaatin imalchiifamuu danda’aan akka imalchiifaman mootummaan Ityoophiyaa eeyyameera.

Waliinga’iinsa deeggarsa namoomaa babaldhisuuf dhaabbanni nyaata addunyaa gama isaatiin, midhaan deeggarsa konkolaattoota jajjaboo 43  lammiilee naannoo Tigraayiif akka dhiyeessu eeyyamameera.

Yeroo amma kanas konkolaattoonni fe’umsaa 20 deeggarsicha fe’anii naannoo Affaar magaalaa Samaraa dhaabbatanii jiru.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsicha lammiileef qaqqabsiisuuf filannoowwan jiran fayyadamuun tattaaffii taasisaa jiraatuus deeggarsa qaama biroo argachuu hin dandeenye.

Dhaabbanni nyaata addunyaa deeggarsa kan taasise midhaan nyaata  konkolaattoonni jajjaboon 43 lammiileef qaqqabuu hin dandeenye.

Sababa humnoonni hidhattoota garee shororkeessaa ABUT daandii deeggarsitti dhiyaatuu cufuutin, deeggarsichi gara naannichaa imaluu hin dandeenye.

Hidhattoonni garichaa sababoota adda addaa dhiyeessuu fi odeeffannoo burjaaja’aa tamsaasuurra of qusachuun dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka ariifatu gaheesaanii akka ba’atan mootummaan akeekkachiiseera.

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayiin rakkoo keessaa jiran baraaruuf filannoo kamiiniyyuu fayyadamuun deeggarsi namoomaa akka ariifatuuf lammiileen bifa tasgabbii qabuun jireenya isaanii akka jiraataniif qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tumsa ni taasisuun abdi kan qabu ta’uu tajaajilichi ibseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.