Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa balaa xiyyaaraa Taanzaaniyaatti mudateen miidhaa qaqqabetti gaddi itti dhagahamuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa balaa xiyyaaraa Taanzaaniyaatti mudateen  miidhaa qaqqabetti gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Guyyaa kaleessaa Xiyyaarri imaltootaa Taanzaaniyaa namoota 49 fe’ee magaalaa Daaree Salaam irraa gara  Buukoobaatti imalaa ture haraa Viktooriyaa keessatti kufee lubbuun namootaa 20 olii baraaramuun danda’amuu miidiyaaleen biyyattii gabaasanii turuun kan yaadatamudha.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI ibsa baaseen, balaa qaqqabeen gaddi itti dhagahamuu ibsuun, uummata, mootummaa biyyattiifi maatii miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.