Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Israa’eel lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee taasise

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Mootummaa fi uummanni  Israa’eel lammiilee sababa walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti uumameen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa toonii 14 taasisuu ibsame.

Mootummaan Israa’eel deeggarsicha Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti dabarsee kennuu  ibsameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Deeggarsichi michooma Ityoophiyaa fi Israa’eel ture daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Allalliny Admaasuu gamasaaniin, damee hawaasummaa fi fayyaan deeggarsi Israa’eel lammiilee Ityoophiyaaf taasistu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.