Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan invastaroota idil addunyaaf eegumsa akka taasisu ibse

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC)- Mootummaan invastaroota idil addunyaaf yeroo kamiyyuu eegumsa invsatimantii taasisuuf xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjetu ta’uu ibse.

Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa fi Ministeerri Dhimma Alaa miseensota Waldaa Invastaroota Idil Addunyaa Ityoophiyaatti argamaniif haala yeroorratti ibsa kennaniiru.

Wayita marichaatti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaaaddara Tasfaayee Yilma fi hoggantoonni koomishinichaa gaaffilee miseensota waldichaarraa ka’aniif deebii kennaniiru.

Yeroo kamiyyuu mootummaan eegumsa invastimantiif xiyyeeffannaa kan kennuu ta’uu eerameera.

Abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiirratti boba’aanii fi bobba’uu barbaadan yaaddoo nageenyaa tokko malee hojiin invastimanti isaanii akka saffisuuf deeggarsa baarbaachisan akka taasifamu mirkaneessuu ragaan Koomishinii invastimantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.