Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ingiziil miiliyoona 5.9 Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Mootummaan Ingiiliiz Paawundii miiliyoona 5.9 Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaaf deeggarsa taasiiseera.

Karaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa Biriitishii fi Neezarlaandiin deeggarsa kana taasiisuu eerameera.

Deeggarsichi tajaajila deeggarsa namoomaa, dhiyeessii tajaajila fayyaa, bishaan dhugaatii fi qulqullinaaf oola jedhameera.

Pireezidaantiin Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa Obbo Abarraa Tolaa fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingiliiz Daaran Weelshi waliigalticha mallatteessaniiru.

Qaama deeggarsichaa kan ta’e walharkaa fuudhinsi Konkolaattoota 10 raawwateera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.