Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan ijaarsa magaalotaa cimsuurratti xiyyeeffachuun ajandaa magaalummaa haaraa dhugoomsuuf kutannoo qaba-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) –Mootummaan ijaarsaa magaalotaa cimsuurratti xiyyeeffachuun ajandaa magaalummaa haaraa dhugoomsuuf kutannoo qabaachuu Ministirri Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dubbatan.

Aadde Caaltuu Saanii Poolaand Magaalaa Kaatuuveesitti fooramii magaalotaa addunyaa 11ffaa gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Aadde Caaltuun fooramicharratti haasawaa taasisaniin, mootummaan Itiyoophiyaa magaalota babal’isuun haala guddina diinagdee fi ce’umsa magaalotaaf gumaachuun hogganuuf, tarkaanfiiwwan bal’aa fudhataa jiraachuu eeraniiru.

Tumsa kanaaf imaammani magaalota biyyaalessaa fooyyeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan karooraa misoomaa waggoota 10 akkasumas fireem woorkii waggootaa 10 damee misooma magaalaa bocuurraa darbee ajandaawan magaalummaa Biyyaalessaa haaraa raawwachiisuuf tarsiimoo, sagantaalee fi karoora pirojektootaa magaalaa qopheessuun hojiitti seenuu Aadde Caaltuun himaniiru.

Misooma waaraa magaalotaan, hariiroo hawaasummaa, badhaadhina magaalotaa hundagaleessaa, eegumsa naannawaa fi ijaarsa magaalotaa cimsuurratti xiyyeeffachuun ajandaa magaalummaa haaraa dhugoomsuuf mootummaan kutannoo qabaachuu eeraniiru.

Misoomaa waaraa magaalotaa dhugoomsuufis xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalonni lammiileef naannawaa jireenyaa mijatoo akka ta’aniif mootummaan dhaabbilee misoomaa idil addunyaa waliin walta’iinsaan hojjechaa jirachuu eeraniiru.

Dameelee walta’iinsaa garagaraan dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjeetamanis, hojiilee misoomaa magaalotaa cimsuu fi ittigaaftamummaa mirkaneessuuf kan tumsan ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.