Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan haaraan hundaa’uu nageenyaa fi Tasgabbiif xiyyeeffannoo addaa laachuu akka qabu himame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Mootummaan haaraan hundaa’uu nageenyaa fi Tasgabbiif xiyyeeffannoo addaa laachuu akka qabu abbootiin amantaalee dubbatan.

Abbootiin Gadaa fi abbootiin Amantaalee mootummaan haaraan Fulbaana 24, 2014 hundaa’u tokkummaa ummataa, nageenya, araaraa fi tasgabbiif xiyyeeffannoo addaa laachuun hojjechuu akka qabu eeraniiru.

Ityoophiyaan haala amma keessa jirtu keessaa ba’uun gara nageenyaa fi misoomaatti akka ce’an taasiisuun hojii ijoo ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Mootummaamn haaraan hundaa’uu jaalala, tokkummaa, nageenyaa fi araara Ityoophiyaanootaaf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Nagaa, tokkummaa fi jaalalli akka bu’u qooda isaanii kan ba’an ta’uus mirkaneessaniiru.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa kan injifate paartiin badhaadhinaa Fulbaana 24, 2014 mootummaa haaraa kan hundeessu ta’uun ibsuun ni yaadatama.

Mootummoonni naannolee boruu eegalanii mootummaa haaraa kan hundeessan ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.