Mootummaan gochaalee sababa malee hawaasarratti dhiibbaa uuman hordofuun tarkaanfii ni fudhata – Dooktar Laggasee Tulluu
Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Mootummaan gochaalee sababa malee hawaasarratti dhiibbaa uumaan hordofuun tarkaanfii kan fudhatu ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasee Tulluun hubachiisan.
Fooyyessa Imaammata Diingadee Gooroo taasiifame hordofee dameen Albuudaa walakkaa waggaa osoo hin guutiin galii biiliyoonaan lakkaawwaaman argamsiisuu eeraniiru.
Haala jireenya ummataas jijjiiraa jiraachuu Ministiroonni hojii Suupperviizhiinii tibbana gaggeessaniin mrkaneessuu himaniiru.
Mootummaan nageenya ummataa mirkaneessuurratti bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuu dubbataniiru.
Mootummaan gochaalee sababa malee hawaasarratti dhiibbaa uumaan hordofuun tarkaanfii kan fudhatu ta’uu eeraniiru.
Gatiin Gurgurtaa Boba’aa Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa Bahaa biroon yoo madaallamu daraan gadi aanaa ta’uu Dooktar Laggasee Tulluun ibsaniiru.
Sadarkaa idil addunyaattti jalqaba Baatii Amajjii keessa gatiin Peetirooliyeemii liitira 1 giddu galeessaan Doolaara Ameerikaa 1.25 ta’uu eeruun, Itiyoophiyaatti ammoo Liitirri 1 Doolaara 0.805tti gurguramaa jiraachuu kaasaniiru.
Kunis gatiin gurgurtaa boba’aa Itiyoophiyaa kan idil addunyaarraa % 35 gadi bu’aa ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaa Keeniyaatti Boba’aan Liitirri 1 Doolaara 1.351, Ruwaandaa 1.136, Ugaandaa 1.299, Taanzaaniyaatti gurguramaa jiraachuu himaniiru.
Waliigalaan biyyoota Afrikaa hedduu keessatti Boba’aan Liitirri 1 giddugaleessaan Doolaara 1.3tti gurguramaa jiraachuu Dooktar Laggasaan himaniiru.
Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu sirreeffama gatii boba’aa tibbana taasiifame hordofee Itiyoophiyaan nagaa ta’uun kan isaan yaaddesse gochaa baandummaa waayita raawwatan mul’achuu ibsaniiru.
Gatiin boba’aa biyya biroo isaanitti hin mul’atu jedhan.
Waan ummataaf quuqaman fakkaataanii dhiyaachuun ajandaa dhokataa isaanii facaasaa jiraachuu kaasaniiru.
Walitti bu’iinsa, hokkorarraa bu’aa argatu,Qaanii waan jedhu hin qaban.
Gabaa bilisaa fi gabaa bilisaa keessatti qoodni mootummaa maadala eeguu akka ta’e hin kaasan.
Odeeffannoon waliin dhahuun fedhii siyaasaaf oolfachuuf yaaliin taasiisan hin milkaa’u jedhan.
Mootummaan tarkaanfiin misoomaaf fudhatu hawaasarratti dhiibbaa akka uumu ni hubata.
Of eeggannoon akka raawwatamuu qabus ni amana.
Karoorfatee faayidaa ummataa bu’uura taasisuun hojjeta jedhan.
Ba’aa isaa qoodachuun rakkoolee yeroo furuun barbaachisaa ta’uu ni hubata.
Bu’uuruma kanaan Mootummaan Boba’aa, Xaa’oo biyyoo, qorichaalee fi dhimmoota fayyaa biroof deeggarsa olaanaa kan taasisu ta’uu eeran.
Waggaan Doolaara biiliyoona 300 ol deeggarsa kan taasiisu ta’uu kaasaniiru.
Carraa argametti fayyadamuun hawaasarratti dhiibbaa uumuuf gochaalee taasiifamu kamiiyyuu hordofuun mootummaan tarkaanfii kan fudhatu ta’uu yaadachiisaniiru
.