Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan gaaffiilee diinagdee ummata biraa ka’aa jiran deebisuuf hojjechaa jira- Dooktar Iyyoob Takkaalinyi

Finfinnee, Eebila 2, 2014 (FBC) – Marii guutuu biyyattiitti taasiifamerratti gaaffiilee diinagdeen walqabatee ummata biraa ka’an sadarkaa sadarkaan deebisuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsaniiru.

Dooktar Iyyoob marii taasiifamerratti diinagdee waliin wal qabatee gaaffiilee hedduun ka’uu eeraniiru.

Gaaffii ummataa kana sadarkaan deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoolee Qaala’iinsa jireenyaa, qoodinsi qabeenyaa haqa qabeessa ta’uu dhabuu, bu’uuraalee misoomaan wal qabateen ummanni gaaffiilee hedduu kaasuu eeraniiru.

Keessattuu rakkoolee qaala’iinsa jireenyaan wal qabatanii jiran saffisaan deebisuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Iyyoob ibsaniiru.

Rakkoolee kanneen furuun hojii guddaa kan gaafatu ta’uus himaniiru.

Rakkoo Zayita Nyaataan walqabatee jiru furuuf mootummaan kallattiin bittaa raawwachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 12.5 gara biyya keessaa galuu himuun, Baatii Baatiin ammoo zayita liitira miiliyoona 50 bituuf murtaa’uu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.