Mootummaan gaaffii waliigaltee dhukaasa dhaabuu bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay gaafateef deebii laate
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Mootummaan federaalaa gaaffii bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay rakkoolee muudatan furuuf dhiyeesseef deebii laateera.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay mootummaan Federaalaa waliigaltee dhukasaa dhaabuu akka taasiisu gaafachuun kan yaadatamuu.
Gaaffii bulchiinsa yeroo Mootummaa naannoo Tigraay waliigaltee dhukaasaa dhaabuu dhiyeesse bu’uureeffachuun Mootummaan FDRI yeroon kun yeroo qonnaan bultoonni omisha gannaa bal’inaan hojjetan ta’uu isaan dhimma fayyadamummaa ummataa xiyyeeffannoo keessa galchuun Waxabajjii 21 bara 2013 irraa eegalee mootummaan dhukaasa dhaabuu labseera.
Dhaabbileen nagaa eegsisan Federaalaa, naannoo fi lammiileen labsiin kun qixa ittiin hojiirra oolurratti kallattii yeroo yeroon kennamuu hordofuun akka hojiirra oolchuu qabaniis ibsi Mootummaa Federaalaarraa kenname beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.