Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan gaaffii fi rakkoo ummataa bu’uurarraa furuuf hojjechaa jira-Obbo Namarraa Bulii

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii fi rakkoo ummataa bu’uurarraa furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin.

Godina jimmaatti waajjirri bulchiisa magaalaa Asandaaboo bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti eebbifameera.

Mootummaan gaaffii fi rakkoo ummataa bu’uura irraa hiikuuf xiyyeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Namarraan dubbataniiru.

Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf ijaarsi waajjiraalee akkasii murteessaa ta’uus himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, godinichatti gandootni cimanii of danda’uun hawaasaf tajaajila gahaa akka kennaniif xiyyeeffanoon hojjetamaa jira jedhan.

Muktaar Xahaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.