Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan duula shororkeessummaa, finxaaleyyiifi hannarratti eegale cimsee itti fufa- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Mootummaan duula shororkeessummaa, finxaaleyyiifi hannarratti eegale cimsee itti fufa jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Gareen shororkeessitootaa, finxaaleyyiifi hannaan wlitti hidhataniifi  tattaaffiin nageenyaa boqonnaa dhorke qeenxeefi gareen miidiyaalee finxaaleeyyii fayyadamuun bakkeewwan garaagaraatti keessumaa Wallaggaa iddoowwan tokko tokkotti jeequmsa uumuun lammiilee nagaa ajjeesaniiru, qe’eefi qabenyasaaniirraa buqqisaniiru, qaamolee nageenyaarratti miidhaa qaqqabsiisaniiru akkasumas qabeenya namoota dhuunfaafi mootummaa barbadeessaniiru jedhan.

Gocha badiisaanii kana haala dhaabbilee barnootaa giddugala godhateen gara magaalaa Finfinneetti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dargaggoonni Oromoofi Amaaraa akka walfixaniif miidiyaa dhimma kanaaf hundeessaniin ifatti kakaasaa jiraachuu addeessaniiru.

Qaamoleen seeraan gurmaa’anis dhimma kana haala itti gaafatamummaan itti hir’atuun afarsaa jiraachuu isaanii taajjabaa jirra jedhan.

Kaayyoon qaamolee shororkeessitootaafi finxaaleyyii kanneenii duula mootummaan hanna irratti eegaleefi waliigalteen nageenyaa eegalame galma hanqisuu ta’uu eeraniiru.

Qaamoleen shororkeessitootaafi finxaaleyyii kunneen eenyummaa bu’uureffachuuniifi faallaa walii fakkaachuun   gama miidiyaalee isaaniin kutaan hawaasaa tokko waan miidhame fakkeessuun gochaa badiisaanii bifa qindaa’aa kan raawwatan ta’uu kaasuun, tibbana Wallaggaa bakkeewwan tokko tokkotti kan mul’ate kanuma jedhan.

Haala kanaan hawaasni akka burjaaja’uufi mootummaarratti akka ka’uuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Qaamoleen kunneen hidhata faayidaa kan qaban, jeequmsa malee kaayyoon isaanii kan hin milkoofne, walqixxummaatti kan hin amanneefi nageenya kan jibban ta’uu addeessaniiru.

Mootummaan tarkaanfii qaamolee kanneen irratti fudhachuu eegale haala hawaasa hirmaachiseen cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, bu’aan hanga ammaatti argame jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Qaamolee gaaffilee isaanii marii karaa nagaan hiikuu barbaadaniif balballi banaadha jedhan.

Hawaasni keessumaa dargaggoonni jette jetteefi odeeffannoowwan sobaarraa of eeguun, tokkummaa isaanii cimsuun duula mootummaan shororkeessummaa, garee finxaaleyyiifi hanna irratti eegale akka deeggaran gaafataniiiru.

Miidiyaaleen kamiyyuu sochiilee walitti bu’iinsa hammeessan irraa akka of qusatan yaadachiisuun,warreen gocha isaaniirraa of hin qusannerratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhan.

Fayyadamummaan uummata biyyattii kan mirkanaa’u nageenya waaraa, tokkummaa sab-daneessa, walqixxummaafi misooma waloon ta’uu eeruun, qajeeltoo kanaaf hundi gaheesaa ba’achuu qaba jedhan.

Siyaasa ilaalcha fiixee gamaafi gamanaarraa fayyadamuu kan danda’u namoota muraasa hidhata faayidaa qabani jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.