Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dhimmoota komii hawaasaa ta’anirratti xiyyeeffannoo laachuu qaba – Jiraattoota Godina Arsii Lixaa

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Mootummaan dhimmoota komii hawaasaa ta’anirratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechuu akka qanu Jiraattoonni Godina Arsii Lixaa gaafatan.
Kallaattii fimurtoo yaa’ii 1ffaa paartii badhaadhiinaan darberratti hawaasaa aanaalee fi magaloota godina Arsii Lixaa waliin mari’ataameera.
Hirmaatoonni marichaas rakkoowwaan keessaa fi alaa caasaa mootummaa keessa jiran furuun xiyyeeffannoo argatuu akka qabu gaafataniiru.
Qaal’iinsi jireenyaa,dhimmi malaammaltummaa, rakkoon nageenyaa, hojii dhabdummaan,tajaajilaa haqaa qabeessa argaachuu dhabuun dhimmoota akka ijootti waltajjicharratti ka’an ta’uu ibsameera.
Daballiin gatii xaa’oo yeroo amma muudatee qonna irratti rakkoo hammaataa akka uumuu sodaa qabaachuu jiraattoonni kunneen kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa keessoo isaa qullqulleessuun rakkoo hawaasaa furuuf xiyyeefannoon hojjeechuuf hawaasa waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uu Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhiinnaa Godinaa Arsii Lixaa obbo Muhaammad Huseen kasaaniruu.
Gaaaffii fi komiin hawaasni kaasaa jiran sirrii ta’uu fi rakkoolee jiran waaraan furuuf qindoominnaan kan hojjetamu ta’uu Bulchaan Godinichaa obbo Ahimad Hajjiin dubbataniiru.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.