Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dhabuuf kan ture Birrii biiliyoona 100 ol baraaruun akka danda’ame ibsame

Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC)- Waliin dhahiinsa daldalaa fi kontiroobaandiin mootummaan dhabuuf kan ture Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 7 ol baraaruun akka danda’ame ibsame.

Waltajjiin qorannoo raawwii Ministeera Galiiwwanii fi Komishinii Gumurukaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan baatiiwwan ja’an darban meeshaalee kontiroobaandii Birrii biiliyoona 8.95’tti tilmaamamu to’achuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dabalataan waliin dhahiinsa daldalaarraa galii Birrii biiliyoonaa 98.29 argamuu ibsanii, kunis baatiiwwna ja’an darban waliin dhahiinsa daldalaa fi kontirobaandiin galii mootummaan dhabuuf ture Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 7.24 baraaruun akka danda’ame eeraniiru.

Namoota daddabarsa kontiroobaandiin shakkaman 708 to’atamuun tarkaanfiin seeraa barbaachisaan akka irratti fudhatamu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dandeettiin to’annoo fi ittisa kontiroobaandii fi waliin dhahiinsaa daldalaa Komishinicha dagaagaa dhufuu ibsuu ragaan komishinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.