Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dhaabbilee sirna daldalaa Piraamidii hordofan seera akka qabsiisu gaafatame

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC)-Dhaabbanni ‘Etcare’ jedhamu sirna daldalaa Piraamiidirratti bobba’ee hojjechaa jiraachuu namooni dhaabbatichaaf filamanii turan saaxilan.

Eeruu qaqqabe bu’uureffachuun Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Finfinnee, Dassee fi Goondaritti qo’annoo gaggeesseera.

Caamsaa 5, 2014’n kaappitaala kuma 500’n kan hundaa’e dhaabbatichi baatiiwwan sagala booda Guraandhala 27, 2015 kaappitaalli isaa gara miiliyoona 2 fi kuma 867tti guddachuu ragaan sanada dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbatichi eeyyama oomishaalee miidhaginaa waldaa dhuunfaa itti gaafatamni isaa murtaa’e kan qabudha.

Namoonni dhuunfaa dhaabbaticha hojjechaa turan eeyyama oomishalee midhaginaa fayyadamus, sirna gurgurtaa shamattoota gurgurtoota taasisuu akka hordofu eerameera.

Labsii eegumsa mirga shamattootaa lakkoofsa 813/2006’n tooftaan shamataa gurguraa oomishaa taasisuu dhorkaa ta’uun raggaa’eera.

Tooftaan kunis namoota muraasaa fayyadamtootaa kan taasisuu fi namoota hedduu ammoo kasaaraaf kan saaxilu ta’uu odeeffannoo kennitoonni ni himu.

Qorannoo gareen gaazexeessitootaa taasisaniin, miseensota dhaabbata ‘Etcare’ mannii fi konkolaataan akka kennamuuf kan itti himame ta’uu mirkaneesseera.

Hoji Gaggeessaa fi Hundeessaan Dhaabbatichaa Maatiyoos Mabaa, Etcare sirna daldalaa Piraamiidii utuu hintaane gurgurtaa kallattii hordofaa jedhu.

“Beeksistoonni ‘Etcare’ kan kaffalamuuf hamma oomisha gurguraniin malee nama fidaaniin miti; eeyyama daldalaas qabu” jedhan.

Ta’us, Faanaa Biroodkaastiigi Koorporeet, qorannoo taasiseen miseensota dhabbatichaa eeyyamni daldalaa akka hinbarbaachisneen, hamma namootaa fidaaniin akka kaffalamuu fi namoonni isaan fidan ammoo miseensota of jalatti hiriirsaa oggaa deeman kaffaltiin isaanii akka dabalu dubbataniiru.

Adeemsi kunis sirna daldalaa Piraamiidii kan argisiisuudha.

Kennitoonni odeeffannoo sirni daldalaa kun namoota hedduu miidhaaf kan saaxilee fi babal’achaa waan jiruuf, mootummaan hubannoo uumuu fi seera kabachiisuun itti gaafatama isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

Dhimma kanarratti gama mootummaan deebii jiru gabaasa keenya itti aanuun qabannee kan dhiyaannu ta’a.

Garee Gaazexeessitoota Qorannoo FBC’n

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.