Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Deenmaarki hojiilee misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf fedhii qabaachu ibse

Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC) –Mootummaan Deenmaarki hojiilee misoomaa dameelee garaagaraan Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu deeggaruuf fedhii qabaachuu Giiftiin Biyyaattii Beenediktee Astiriidiin ibsan.

Jilli Giiftii biyyaattiin durfamu Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo waliin mari’iateera.

Hariiroo waloo biyyoota lameen gidduu jirurratti mari’achuun ibsameera.

Hariiroo gamhedduu biyyoonni lameen qaban caalmaatti cimsuuf Itiyoophiyaan murannoo qabaachuu Afyaa’ii Taaggasaan ibsaniiru.

Giiftiin Deenmaarki Beenediktee Astiriidiin gamasaaniin, Mootummaan Deenmaarki hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan dameelee garaagaraan hojjechaa jirtu deeggaruuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.