Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan dameelee garagaraan dhaabbilee tumsitootaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qaba-Samaaritaa Sawaasawu

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Mootummaan dameelee garaagaraan dhaabbilee tumsitootaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu Minister Deetaan Ministeeraa Maallaqaa Samaaritaa Sawaasawu dubbatan.

Waltajjiin marii walta’iinsa dhaabbilee tumsitootaa idil addunyaa, hojiilee baatiiwwan sadan dhufan gama diinagdee, hawaasummaa fi deebisanii dandamchiisuun hojjetamanirratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Waltajjii marichaarratti Miinistir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaaritaa Sawaasawu, mootummaan Ityoophiyaa dameelee diinagdee, hawaasummaa fi deebisanii dandamchiisuun dhaabbilee tumsitoota idil addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Bakka bu’oonni fi hoggantoonni dhaabbileen tumsitootaa waltajjicharrratti hirmaatanis, Ityoophiyaa tumsuu akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaan dameeleen diinagdee fi hawaasummaa bu’a qabeessaa akka ta’aniif, tattaaffii taasiftu akka deeggaran hubachiisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.