Mootummaan ajjeechaa jumlaa gareen Juuntaa ABUT Maaykaadiraatti balaaleffate
Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Mootummaan FDRI ajjeechaa jumlaa lammiilee irratti gareen Juuntaa ABUT Maaykaadiraatti balaaleffate.
Gabaasa Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ifoomseen, ajjeechaa jumlaa lammiilee irratti gareen Juuntaa ABUT Maaykaadiraatti raawwate sarbiinsa mirga namoomaa olaanaa fi kan onnee cabsu ta’uu mootummaan beeksiseera.
Gabaasni Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ifoomsee kanaan dura gabaase Aminast Intarnaashinaal baase kan mirkaneesse ta’uu ibsa waajirri muummee ministiraa baase ni mul’isa.
Gochichi gareen Juuntaa ABUT yakka gara jabeenyaa Ityoophiyaatti raawwachaa jiru hangam akka ta’e ummanni addunyaa irra deebiin kan mirkaneessedha jedheera.
Gabaasni komishinichaa miidhaan Maaykaadiraatti raawwate yakka salphaa otuu hin taane, karooraa fi karaa qindaa’een kan raawwatame mirga namoomaa kan cabse ta’uu eereera.
Humnoonni ABUT garee dargaggoota Tigiraay “Saamiraa” jedhamu waliin qindaa’uun namoota dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu gabaasni Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ifoomseera.
Akka gabaasa komishinichaatti gochi raawwatan yakka namooma irratti raawwatamee yakka waraanaa ta’uu akka danda’u gabaaseera.
Hawaasni idil addunyaa sarbiinsa mirga namoomaa garaa jabinaan raawwatame kan akka balaaleffatu mootummaan waamicha dhiyeesseera.
Warren yakka kana raawwatan seeraatti akka dhiyaatan mootummaan ibsa isaan mirkaneesseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa