Fana: At a Speed of Life!

“Mootummaa Naannoo Oromiyaa Seenaa dhugaa iddotti deebisuuf hojjechaa jira” – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC) – Fooramiin Injifannoo Adwaa Waggaa 125ffaan Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti dhadannoo ‘’Injifannoo Adwaa Faajji tokkommaa sabdaneessummaa’’ jedhuun Hoteela Sharaatanitti kabajameera.
Preezdaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kabaja injifannoo Adwaa waggaa 125 Hoteela Sharatanitti gaggeefame irratti argamuun haasaa taasisaniin
“Injiffannoo Adwaa kaleessaa yeroo dubbannu seenaa qofa yaadachuu osoo hin taane, har’a seena Adwaaa kaleessaa faakkatu hojjachuudhafi.
Moonutumma naannoo Oromiyaa seenaa dhugaa kaleessa baasuf kan hojjatuudha.
Ummanni Oromoo bakka hundatti biyya ijaaruf dhiiga isaa dhangalaaseera, lafee isaa itti cabseera.
Hata’uutii qaa’mni tokko tokko kan ofii isaati shakkamaattu shakkamaa nama gochuu barbaada.
Gootonni kaleessa biyya ijaaruu keessatti gahee madaalamuu hin dandeenye bahaaniiru.Gootummaa isaanii gochaan agarsiisaniiru.
Adeemasa jijjiirama fiduu keessatti ololaa,hannaa fi ilaalchota guddinna biyyaarratti danqaa ta’an cabsinee gara fuula duraatti tarkaafanna.
Seenaa kaleessaa hatame deebisuun barbaachisaadha waan ta’eef artistoonni, hayyoonni fi miidiyaalee dhugaa jiru baasuf hojjechuu qabu.
Itoophiyaa Adunyaa faana tarkaanfattu ijaaruuf sabaafi sablammoonni biyya keenyaa hundi tokkummaaan wal-kabajuun,wal-danda’uuni fi wal hammachuun hojjachuu qabu.
Biyya ijaaruu keessatti dhimmoonni ijoon qabatamaan hojirra ooluu qaban keessa guddina diinagdee cimaa ta’e safisaan hojjechuu, teeknooloojii babal’isuun addunyaa faana tarkaan fachuu,sirna cimaa ijaarachuu fi aadaa hojii jijjiirun biyya hundaaf mijooftuu taate ijaaruu qabna” jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.