Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa Jarman waliin waliigalteen deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 32 ol mallatteeffamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Mootummaa Jarman waliin waliigalteen deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 32 ol mallatteeffamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamiil Baankii Misooma Jarmanitti Daayrektara Gamtaa Afrikaa fi Afrikaa Bahaa Kiristoof Tiikans waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ibsameera.

Aadde Muufariyaat ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaa Jarman irraa waliigaltee  deeggarsa maallaqaa Yuuroo miiliyoona 32 ol waliif mallatteessuu eeraniiru.

Dabalataanis dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa 20’f Birrii miiliyoona 500tti shallagamuun galtee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa infoormeeshin teeknooloojii wal  harkaa fuuchuu ibsaniiru.

Haala deeggarsichi cimee itti fufuu danda’urratti mari’achuu kaasuun, deeggarsa taasiseef mootummaa Jarman galateeffataniiru.

Daayrektarichi hojiilee jijjiiramaa damichaa daawwachuu fi deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan waadaa galuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.