Fana: At a Speed of Life!

Mootiin kubbaa miilaa umrii 82 tti du’aan boqote

Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC) -“Mootii Kubbaa Miilaa” jedhamuun kan beekamuu taphataan kubbaa miilaa lammii Biraaziil Peeleen umrii waggaa 82 tti du’aan boqoteera.

Peeleen seenaa tapha waancaa Addunyaa keessatti bara 1958, 1962 fi 1970tti biyya isaaf waancaa injifachuun nama seenaa hojjeteedha.

Baatii darbe sababa kaansarii mar’imaaniin wal’aansarra kan ture Peeleen, torbee darbee haala yaaddessaa keessa turuu gabaafameera.

Ogeessi kubbaa miilaa kun dhibee kanarraa hafuu waan hindandeenyeef umrii waggaa 82ffaa isaatti du’aan boqoteera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.