Mooriingaa fi faayidaa fayyaa
Finfinnee, Bitootessa 20, 2016(FBC) – Faayidaa fayyaa mooriingaa/shifarraan qabu.
Yeroo baay’ee waan naannoo keenyatti argamu akka dawaatti hin ilaallu malee, dhibeewwan osoo nu hin qabin duursinee ofirraa ittisuu dandeenya.
Raafuun akka salphaatti waan margee fi dafee qaqqabuuf qofa nyaata hiyyeessaa jedhama.
Garuu qabiyyeen inni fayyaa namaaf qabu baay’ee barbaachisaadha.
Mooriingan qabiyyee Amiinoo Asiidaa, Viitaamina B1, B2, B3, B6 fi C kan badhaadheedha.
Akkasumas Albuudoota akka Kaashiyeemii, Pootaashiyeemii, Maagnizyiiyeemii, Foorfarasii fi Ziinkii dabalatee Prootinoota qaama namaaf daraan barbaachisaa ta’an 18 of keessaa qaba jedhame.
Shifarraa yookin mooriingan;
•Amala farra oksiidaantii qaba, aantii ooksiidantiin kunis carraa dafanii dulloomuu akka hir’isu qorannoowwan gaggeeffaman ni muul’isu.
•Farra infilaamaatooriidha, dhiitoo fi bishaan qabachuu qaamaa hin barbaachisne ittisa.
•Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu danda’a, qaamni keenya yoo madaa’e dafee akka fayyu faayidaa qaba. Dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa hir’isuuf qabu dabala. Baakteeriyaa fi fangasiin akka nu hin dhibne ittisa.
•Guddina rifeensaa dabala, rifeensi keenya fayya qabeessa ta’ee akka guddatu gargaara.
•Fayyummaa gogaa keenyaa eega, gogaan keenya lallaafaa fi fayyaa akka ga’e ga’ee olaanaa tabata.
•Farra kooleestirooliiti, qaamni keenya kooleestiroolii muraasa kan barbaadu ta’us, yoo heddummaatu ujummoowwan dhiigaa cufuun fayyaa qaama keenyaa miidhee dhibeewwan akka onneefaatif nu saaxiluu mala.
•Anniisaa, jabinaa fi humna namaa laata. Kun ammoo qaamni keenya gar malee dadhabbiin akka itti hin dhaga’amnee fi fayyaa ta’ee hojiisaa sirriitti akka hojjetu isa gargaara jechuudha.
•Fayyummaa ijaa eeguun argaa dabala.
•Dhiibbaa dhiigaa sirreessa.
•Mukaa’uu ittisa, si’oomina uuma jechuudha.
•Dandeettiin dhibee ittisuu qaama keenyaa akka dabalus ni gargaara.
•Farra fangasiiti. Fangasiin keessoo fi ala qaama keenyaa akka hin miine cimeet ittisa.
•Qoncooruu gogaa fi dulluma gogaa yeroo malee ittisa.
•Dhiitoo xannachootaa dhibeef nu saaxiliuu malan ittisa.
•Bullaa’insa nyaataa dabala. Qaamni keenya sirna nyaataa mijataa akka qabaatu taasisuun, fayyaan keenya akka eegamu gargaara.
•Sammuun keenya dammaqinaa akka horatuu fi hojii keenyarratti cimina akka qabaannu nu gargaara.
•Dhibee onneef akka hin saaxilamne gargaara.
•Ulfaatina qaamaa sirreessufis baay’ee barbaachisaadha.
Maddi: Medical News Today