Fana: At a Speed of Life!

Mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti miidhaa kan qaqqabsiise biyya kamittuu fudhatama hin qabu – Dooktar Geediyoon Ximootewoos

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) –Gareen ABUT kutaalee biyyatti gara garaatti badiiwwan uumamanii fi yakkoota olaanoon itti gaafatamaa ta’uu Abbaan ALangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos ibsaniiru.
 
Yakka gareen kun mooraa raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwate birmadummaa kan sarbee fi gochaa biyya kamittuu fudhatama hin qabne ta’uu himaniiru.
 
Mootummaan sababa kanaan gara duula olaantummaa seeraa kabachiisuutti galeera jedhaniiru.
 
Dooktar Geediyoon Ximootewoos BBC Hard Took waliin dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaa irratti turtii taasisaniiru.
 
Abbaan ALangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos gareen ABUT kutaalee biyyatti gara garaatti badiiwwan uumamanii fi yakkoota olaanoon itti gaafatamaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.